Mootummaan Chaayinaa hojjettoonni meeshaalee dijitaalaawaa alaa galan akka hinfayyadamne dhorke

Finfinnee, Qaammee 1, 2015 (FBC)- Mootummaan Chaayinaa hojjettoonni meeshaalee dijitaalawaa alaa galan akka hinfayyadamne dhorkuun gabaafame.

Dhorkii kanaafis sababni sodaa nageenya saayibarii ta’uu TRT’n gabaaseera.

Kanaaf, Mootummaan Chaayinaa hojjettoonnii fi hoggantoonni bilbila moobaayilaa gatiin isaanii qaalii (IPhone) dabalatee teeknooloojiiwwan dijitaalawoo alaa galan kamuu akka hinfayyadamne akeekkachiiseera.

Akka gabaasa ‘The wall street journal’tti Chaayinaan akeekkachiisicha kana kan baaste hirkattummaa bu’alee teeknooloojii dijitaalawaa alaa galanii hir’isuu fi nageenya saayibarii ishee cimsuuf ta’uun eerameera.

Tarkaanfiin Chaayinaan fudhatte kunis kanaan dura Ameerikaan lammiileen ishee ‘Huwaawwee’ dabalatee meeshaalee teeknooloojii dijitaalawoo Chaayinaa akkasumas miidiyaa hawaasummaa Tiik Tookii akka hinfayyadamne ugguruurraan kan ka’e ta’uun eerameera.

Aanga’oonni Mootummaa Chaayinaas ta’e dhaabbileen akka Appilii Ameerikaatti aansuun sadarkaa 2ffarratti galii isaanii %19 Chaayinaarraa kan argatan Dhimmicha ilaalchisuun wantii jedhan hinjiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment