Finfinnee, Hagayya 10, 2014( FBC)- Mootummaan carraa hojii uumuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ibsan.
Obbo Dammaqaan Yaa’ii hojii biyyaalessaa 2ffaa Ministeera Hojiifi Ogummaan qophaa’erratti argamuun bobbii hojii kennaniiru.
Hojiilee mootummaan xiyyeeffannoo itti kennee hojjechaa jiru keessaa rakkoo kenniinsa tajaajilaa furuufi carraa hojii uumuun kan kaafaman ta’uu eeraniiru.
Mootummaan ministeericha akka haaraatti hundeessuu kaasuun, gama kanaan hojiileen hojjetaman kan jajjabeeffaman ta’uu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.