Mootummaan boba’aa dabalatee meeshaalee bu’uuraarratti deeggarsa olaanaa taasiseera- Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Amajjii 7, 2017 (FMC) –Mootummaan boba’aa dabalatee meeshaalee bu’uuraarratti dhiyeessii gahan akka jiraatuuf deeggarsa olaanaa taasiseeraa jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen.
Obbo Ahimad, waggoottan darban mootummaan Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 67 boba’aaf deeggarsa taasisuu ibsuun, bara 2017 immoo deeggarsa dabalataa Birrii biiliyoona 100 raggaasisuu eeraniiru.
Erga Fooyyeessi Diinagdee Gooroo hojirra oolee as riifoormii diinagdee cimsuu fi guddina diinagdeef shoora olaanaa akka bahatuuf hojilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Haaluma kanaan Mootummaan boba’aa dabalatee meeshaalee bu’uuraarratti dhiyeessiin gahan akka jiraatuuf deeggarsa olaanaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.
keessattuu Xaa’oo biyyee,boba’aa, daballii miindaaf, qorichaaleef , Misooma Seefineetii Magaalaa fi Baadiyyaa fi kanneen biroo dabalatee waggaa waggaan Birrii biiliyoona 400 deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Riifoormichi haawasaarra kara miidhaa hinqaqqabsifneen hojirra oolaa jiras jedhan.
Mootummaan dhiyeessiin boba’aa amansiisaan akka jiraatuuf waggaa waggaan doolara biiliyoona 4.5 ramaduun boba’aa dhiyeessaa jiraachuu Obbo Ahimad ibsuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment