Mootummaan balaa kirkira lafaa Morookootiin miidhaa ga’een gadda itti dhagaa’ame ibse

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Mootummaan Itiyoophiyaa balaa kirkiraa lafaa har’aa Morookootti mudateen miidhaa lammiilee biyyattiirra ga’een gadda itti dhagaa’amee ibse.

Ministeerri Dhimma Alaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen maqaa mootummaa fi ummata Itiyoophiyaan gaddaa itti dhaga’ame ibseera.

Yeroo gadda ulfaataan biyyattiitti mudate kanattis maatii fi ummata Morookoo cinaa tokkummaan kan dhaabbatu ta’uu beeksiseera.

Guyyaa har’aa Morookootti balaa kirkira lafaa mudateen hanga ammaatti lubbuun lammiilee 820 darbeera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment