Mootummaan Ameerikaa lammiilee Hongeen miidhamaniif kan oolu Deeggarsa Doolaara miiliyoona 488 ifoomse

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Mootummaan Ameerikaa lammiilee Ityoophiyaa Hongeen miidhamaniif kan oolu Deeggarsa Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 88 guyyaa har’aa ifoomseera.
Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiiftuun Mootumaa Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii Aan Jaakoobsan deeggarsicha ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Maallaqichi lammiilee Ityoophiyaa sababa hongeen miidhaaman miiliyoona 4.8f deeggarsa namoomaa ariifachiisaa dhiyeessuuf kan oolu ta’uu Ambaasaaddar Tireesiin eeraniiru.
Deeggarsa Midhaan nyaataa fi nyaata madaallawaa daa’immaaniif dhiyeessuuf ola jedhameera.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment