Mootummaan ajjeechaa daangaa Saa’ud Araabiyaa fi Yamantitti mudate jedhame hordofaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Hagayya 16, 2015 (FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa ajjeechaa eegdoota Daangaa Saa’ud Araabiyaa fi Yamantitti mudate jedhame itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu beeksie.

Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen, eegdonni daangaa Saa’ud Arabiyaa ajjeechaa raawwataniiru jechuun gabaasa dhaabbanni ‘’Human Right Watch‘’ baasee qulqulleessaa jiraachuu ibseera.

Haaluma kanaan, Mootummaan Ityoophiyaa Angaa’oota Saa’ud Arabiyaa waliin hordoffii akka taasiisuu eerameera.

Hanga qorannichi xumuramuun ifoomutti tilmaama hintaanerraa of qusachuun akka barbaachisu Ministeerichi hubachiiseera.

Biyyoonni lameen gochaalee sukkanneessaa akkanaa kan balaaleffatan ta’uu ibsuun Ityoophiyaa fi Saa’ud Arabiyaan hariiroo waggoota dheeraa qabaachuu ibsamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment