Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC) – Jaalalli ummataa, waa’ee isaa haasa’uu qofaan osoo hintaane, gocha waan inni dhabe akka argatu dandeessisuun kan ibsamuudha jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan Caasaa Gandaa haaraa hundeeffame ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Seenaa ijaarsa biyya Itoophiyaa hammayyaa keessatti taateewwan kallattii adeemsa seenaa jijjiiran (turning points) baay’ee muraasa. Kanniin keessaa inni duraa, qabsoo farra sirna moototaa irratti taasifameen lafti ummatarraa saamamee fiiwudaaloota harka ture ummataaf deebi’uu isaati. Kunis lafa deebisee qonnaan bulaa harka galchuun gaafii dinagdee yeroo sanaa deebisuun boqonnaa goolabame.
Taatee inni biraan, bara 1983 booda bu’uura Heera Mootummaa FDRI Saboonni, sablammoonniifi Ummattoonni Itoophiyaa dantaa waloo kabachiifachuuf waliigalteen tumatan hordofee sirna federaalizimii ijaarameen kan walqabatu yommuu ta’u, taateen kunis, gaaffii siyaasaa saboonniifi ummattoonni barootaaf gaafataa turan deebisuu danda’eera.
Bu’uura kanaan, saboonni, Sablammoonniifi Ummattoonni Itoophiyaa mirga ofiin of bulchuu, eenyummaa ofii kabachiifachuu, afaan ofiitiin tajaajilamuufi barachuu akka hinmulqamnetti gonfachuu danda’aniiru. Haata’u malee, ijaarsi sirna federaalizimii dhugaafi haqummaa qabu waan hinmilkoofneef, gaaffiin demokraasii dhugaafi sirna bulchiinsa mootummaa demokraatawaa, sosochiifi mormii hawaasaa baldhaa umuun hanga sirna jijjiiruutti deemee jira.
Sirni mootummaa federaalawaa ture, bu’uura Heera Mootummaatiin kan caaseffame ta’ullee, giddu-seentummaan murna aangoorra turee daangaa darbe, mirga ofiin of bulchuu ummattootaa sarbeera. Sirni dinagdee shiraan xaxamee ture, murna aangoon harka jiru garmalee yommuu sooromsu, ummata baldhaa gidiraa hiyyummaaf saaxileera. Heerri Mootummaa birmadummaa abbaa aangoo ummataaf kan kenne ta’ullee, ummanni aangoo kennameef sirnaan akka shaakalu carraa hin arganne. Ummanni mirga mootummaadhaan tajaajilamuu hindaangoofne akka qabu heeran kan beekameef ta’ullee, mootummaan ummata isa aangesse irraa qoollifataa tureera.
Bara 2010 booda, ibiddi gaaffii demokraasii dhugaafi haqummaa yeroo dheeraaf dibamee ture laboobuun sadarkaa mootummaan aangorra jiru deebisuu hindandeenye gahuun, jijjiirama waggoota jaha dura Itoophiyaa keessatti dhalateef sababa ta’uu danda’eera. Jijjiiramni kun sirna siyaasaa inni tokko abbaa inni biraan ammoo deeggaraa itti ture bu’uurarraa jijjiiruun, sirna naannoleefi ummattoonni biyyattii hundi itti abbooman akka ijaaramu dandeessiseera.
Jijjiirama hunda-galeessa waggoottan jahan darban keessa adeemsifameen gaaffiin demokraasii dhugaafi haqummaa jijjiirama sirnaaf sababa ta’e bu’uurarraa hiikuun mirgi abbaa biyyummaa, ofiin of bulchuu, carraa misoomuu walqixa argachuufi misooma argamerraa fayyadamuu deebii argateera. Saboota gaaffii of-bulchuu dhiyeessaniif murtii ummataatiin deebii akka argatan taasisuun, naannawa filatanitti mootummaa mataa isaanii hundeeffachuun akka of-bulchan carraan umameera.
Aangoon jiddugaleessarraa qoodamee, ummata mootummaa hundeeffateef kennamuun, mootummaan ummataan hundaa’e ummatatti dhihaachuun dirqama. Mootummaan Naannoo Oromiyaa erga hundaa’ee waggoota soddomaa (30) ol lakkoofsiseera. Mootummaan bu’uura heera naannichaatiin gurmaa’ee ummata naannichaa bulchaa ture kun, imala har’a gara badhaadhinaatti taasisaa jirruuf horata guddaa kan kaa’e ta’ullee, tajaajiltummaafi mirga birmadummaa abbaa aangummaa ummataa kabajuurratti gaaffii guddaan ummatichumarraa itti ka’aa tureera. Waggoottan jahan darbaniin asitti, paartii cimaa dhageettii qabu hundeessuun yaadama sirriifi injifataa ta’een gaaffiiwwan ummataa jalajalaa deebisuuf yaaliin taasifame badhaadhina akeeknef bu’uura kaa’aa jira. Idaan sirnoota darban irraa dhaallefi haaraa dhalatan, waggoottan jahan darban keessatti guututti fala argatuu baatanillee, qormaatilee numudataniif osoo hinjilbiiffanne miila lamaan gadi-dhaabannee fedhii misoomuu ummata keenyaa milkeessuuf karoorsinee raawwachuun hireen qabsoo ummataatiin dhufe akka hinqisaasofne gochaa jirra.
Haata’u malee, aadaan mootummoota darban irraa dhaalameefi hanqinni shaakallii cimaa sirna dimokiraasii bulchiinsa hammayyaa, har’as tajaajilli ummataaf kennamu quubsaa akka hintaane taasisee jira. Waan kana ta’eefis, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ummata mootummaa aangeessuuf mirgi birmadummaa aangoo heeraan beekameef, akkasumas gulantaa qabsoo amma irra geenyeef aarsaa qaalii kanfalleef, gurmaa’insa mootummaa Gandaa, tajaajila si’ataa, hammayyaa’aafi qaqqabamaa ta’e kennuu danda’utu mala ejjennoo jedhuun, irra deebiin akka hojjetamu murteessee gara raawwiitti galeera. Tarkaanfiin kun, erga caasaan Gandaa yeroo jalqabaatiif bara 1967 gurmaa’ee as, murtoo guddaa mootummaa ummatatti dhiyeessuuf taasifameedha.
Tarkaanfiin kun, hundeen mootummaa akka lafa qabatu, tajaajilli gara ummataatti akka dhiyaatu, rakkoon ummataa qorannoodhaan adda bahee beekumsa gahaadhaan deebii isa gitu akka argatu, deebiin gaaffii misoomaafi bulchiinsa gaarii marii ummataa irratti akka hundaa’u, mootummaan miiraafi dandeettii tajaajiltummaa goonfate akka dagaagu taasisuun galmoota qabsoo ummata Oromoo sadan milkeessuuf waadaa galle: sirna ummataawaa cimaa ijaaruu, ummata dinagdeen humnoome umuufifi dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa ta’e horachuu milkeesuuf kan dandeessisuudha.
Carraafi bu’uurri fedhii misoomuu akkasumas tajaajilamuu ummata keenyaa, akkaatuma baldhina lafaafi baay’ina ummataa naannoo keenyaa, gandarratti kan baldhatuudha. Bu’uuruma kanaan, Mootummaan Naannoo Oromiyaa caasaa tajaajila ummataa kennu gandarraa eegalee akka gurmaa’u raawwiitti galuun isaa aantummaafi quuqama galmoota qabsoo ummata Oromoof qabu kan mirkaneessuudha. Tarkaanfiin jijjiiramaa kun, mootummaa ummata irratti ijaarame osoo hintaane, ummatarraa, ummataaf ijaarameefi gandatti gadi bu’ee tajaajila haqaan kennu akka ijaaramu, nageenyifi tasgabbiin akka mirkanaa’u taasisuun ijaarsa sirna ummataawaa cimaa kan dhugoomsu; hirmaannaa yaadaafi gochaa ummanni misooma ofii irratti taasisuu qabu heeyyamuun ijaarsa ummata dinagdeen humnoomee kan dhugoomsu, akkasumas ummata hammayyaa’aa, dorgomaa, maqaafi seenaa kabajaa goonfate umuuf taasifamu kan milkeessuudha.
Gurmaa’insa mootummaa sirrii ta’een dabalamuu waan qabuufi malee armaan duras imaanaa galmoota qabsoo ummataa milkeessuuf fudhate akkaataa miira tajaajiltummaafi dandeettii gochuu ummataa giddugaleeffateen milkeessuuf tattaaffii salphaa hintaane taasisaa tureera. Duudhaa ummata keenyaa irraa ka’uun, labsii Tajaajila Lammummaatiin misooma waloo jajjabeessuu irratti argama. Aadaa cimaa waliif birmachuu irraa ka’uun Buusaa Gonofaa — dhaabbata cimaa deeggarsaa, rakkoo dinagdee ummata keenyarra darbee lammiilee biroo furuu cinaatti, dhiyeessii nyaata barataa utubuun dhaloota dorgomaa umuuf qabu deeggaraa jira. Dhugaan bakkatti deebi’ee, haqni akka abbaa argattu, dhuudhaa haqa ummata keenyaa irraa ka’uun, Mana Murtii Aadaa labsee tajaajilamtummaa haqaa mirkaneessaa jira. Kaayyoo fiixee ijaarsa sirna cimaarra gahuuf qabuun, Gaachana Sirnaa nageenya waloo waliin tiksuu dandeessisu deebisee ijaareera.
Kanaaf mootummaan keenya mootummaa muldhata ifaati. Har’a irra dhaabbatee egeree ummata isaa yaadee hojjechuu irratti argama. Milkaa’inni mootummaa ummataawaa kun, onnee ummata keenyaa dhaggeeffachuu, magaalaas ta’ee baadiyaatti, hojii ummataa sadarkaa gandaatti karoorsee ummata waliin raawwachuu irratti kan hundaa’e ta’uu dhawataaf dagatamuu hinqabu. Murtiin mootummaa naannoo keenyaa kun, gama tokkoon safartuu sabboonumaa Oromoo isa haaraa tokkoo tokkoon keenya gochaan agarsiisuu qabnuu yoota’u, gama biraatiin ba’aafi eela barootaa ummata keenyarraa kan harcaasuudha.
Tarkaanfiin mootummaa tajaajilaafi ijaarsa cimaa sadarkaa Gandaa gurmeessuuf fudhatame kun bulchiinsa gaarii sadarkaa gandaatti diriirsuun, kenna tajaajilaa saffisiisuufi si’oomsuuf; hojmaata badaa tajaajilli ittigurguramu dhabamsiisuun abba birmadummaa aangoo kan ta’e ummanni tajaajila haqaafi bilisaa akka argatu dhugoomsuuf; sirna bulchiinsa hammayyaa’aafi qaqqabamaa ta’e diriirsuuf; leecalloo qabnu hunda sirnaan xuruursinee fayyadamuun, hojiilee misoomaa waggoota darban magaalaafi baadiyatti eegalaman waaressuuf; badhaasa Uumaa, akkaataa amala naannawa jireenya ummata keenyaatiin badhaafamne (potential) adda baasuufi carraa misoomaatti jijjiiruuf; akkasumas nageenya waaraa mirkaneessuun nagaan bahee galuu ummata keenyaa dhugoomsuuf kan fudhatameedha. Kanaaniis, sirna ummataawaa cimaa, ummata abbaa dinagdee yabbuu, dhaloota sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’e kan milkeessinu ta’a.
Milkaa’inni kaayyowwan kanneenni, caasaa ijaarru hunda keessatti fedhii, dandeettiifi ilaalcha ummata tajaajiluu qabaachuu irratti waan hundaa’uuf, murtii seena qabeessa gurmaa’insa Gandaa bara 1967 booda adeemsifamu kana dabarsuuf marii gadi fagoo taasisuun waliigalteerra gahuun dirqama ture. Kanarraa ka’uun, gaggeessaafi hojjetaan gara ummataa dhiyaatee tajaajila kennu, dhaadannoo “buluun ganda; bulchuunis ganda!” jedhu qalbii isaarraa akka hinbuufne garaagarummaa tokko malee waliigalameera.
Kaka’umsi gaggeessitoonni gara ummataatti hiiquun tajaajiluuf agarsiisaa jiran, sabboobummaan keenya afaan qofaan osoo hintaane, gochaan kan dabaalamu ta’uu jalqabumarraa kan mirkaneesseedha. Sochii hoo’aan gaggeessitoonni gamanumaa murtee mootummaafi paartii keenyaa fudhachuun taasisaa jiran, sabboonummaan harmeefi aabboo Oromoo tajaajiluu caalu akka hinjirre kan mirkaneessu qofa osoo hintaane, waadaa waan jennu gochaan haa agarsiifnu jedhu kan lafa qabsiisuudha.
Jaalalli ummataa, waa’ee isaa haasa’uu qofaan osoo hintaane, gocha waan inni dhabe akka argatu dandeessisuun kan ibsamuudha. Jechi qabatamaan gochatti jijjiiramee arguuf, haala mijataa ofii barbaanu dhiifnee ummata keenyaaf jiraachuu eegaluu qabna. Eenyummaa sabboonummaa sadarkaa olaanaarra gahe goonfachuuf karaa kanaan ala, qaxxaamurri biraa hinjiru. Kanaaf, gaggeessitoonni ummata keessanitti hiiquun tajaajiluuf gandatti galaa jirtan, isin warra seenaati; kan ulfinaatis! Isin gootota misoomaa, sabboontota dhugaati. Murtoo aantummaa ummata keessaniif qabdan; kutannoo addaafi cichoominaan ajajamtan kanaaf kabaja olaanaan qabu maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin isiniif ibsuun barbaada.
Ummanni keenya jaldhaabaafi jaarsaan, ykn Adulaa aadaa isaa keessaa muuddateen buluu cinaatti, mootummaa Gandaa, nagaa isaa eegu, nageenya isaa kunuunsu, misooma isaa karoorsee raawwatu, haqa isaa tiksu, fedhiifi hawwii isaa dhageeffatu akka argatu murteessuun keenya, yoo itti xiqqaate malee kan baay’atu miti. Paartiifi Mootummaan keenya, jijjiirama hurrisoo (dynamic shift) akka kanaa seenaa biyya kanaa keessatti hinbaramne fiduuf murteessutti baga gammaddan, baga gammanne jechuun barbaada. Ummanni keenyas, murtoo Paartiifi Mootummaan fayidaa isaa mirkaneessuuf dabarsan kana, gammachuu olaanaan simatee haala gaggeessaan keessatti hojjachuu danda’u mijeessuuf, qabatamaan mana hojii yoo haaromsuufi dallaa jajjabeessu arguu kiyyatti gamachuun koo dachaadha.
Gama kanaan, ilmaan sabaa kaleessa haala mijataa hintaane keessatti, osoo roobaa-caabbiin, aduufi dheebuun dabareen itti bu’an, ummata isaanii tajaajilaa turan, Paartiifi Mootummaa keenya biraa galataafi maqaa kabajaa guddaa qabu. Ammaan booda ammoo, tumsa olaanaa gaggeessitoota Mootummaa Gandaa humneessuuf ummatatti dabalamaniifi abbaa aangoo dhumaa kan ta’e, Mana Marii Yuubotaa hundaa’e irraa argamutti, irree gamtoomeen dhimma bahuun tajaajila galmoota qabsoo sabaa sadan: sirna cimaa, ummata dinagdeen humnoomefi dhaloota dorgomaa ijaaruu milkeessuuf dandeessisu irratti xiyyeeffatanii araarama tokko malee akka hojjetan imaanaa guddaa isaanitti kennuun barbaada.
Buluun Ganda; Bulchuunis Ganda!
Oromiyaa Ni Ijaarra!
Itiyoophiyaa Ni Utubna!
Gaanfa Afrikaa Ni Tasgabeessina!
Waaqnis nu gargaara!