Mootorollaan bilbila moodeelii haaraa guyyaa gabaarra oolchuuf ture dabarse

Finfinnee, Muddee 15, 2012 (FBC) – Mootorollaan karoora bilbila moodeelii haaraa ‘Razr’ jedhamu gabaarra oolchuuf qabatee ture dabarsuusaa ibse.

Kunis bilbila dacha’u kan bara Faranjoota 2015’tti gabaarra oolee ture bifa haaraan hojjachuun gabaatti dhiyeessuuf ture.

Bilbilli jedhame kun gatiinsaa Birrii 45,000 yoo ta’u, Muddee 26 gara Ameerikaa ergamuuf ture.

Dhaabbanni Lenoovoo beekkamtii ‘Razr’ argate kana dhiheessii keenyaa nu jalaa xiqqeesseera jechuun qeeqeera.

Kunis fakkeenya rakkina bilbilli dacha’u qabu kan agarsiisuudha.

Motoroollaan garuu bilbilicha gabaarra oolchuuf turtiin taasifame “dheeraadha” jedhe hinyaadau.

Ta’us garuu hamma ammaatti bilbilli haarofti kun gabaarra yoom akka oolu ifa hin goone.

Gaazexeessaan BBC Kiriis Fooks, yeroon bilbila ‘Razr’ kana qabachuuf yaaluun qaama qaamasaa irratti rakkoolee tokko tokko argeera – yeroo iskiriiniin qaama bilbilaa kan biraarraa adda bahu haala mijataa ta’een miti jechuun hima.

Yeroo gatiin bilbilichaa Birrii 45,000 jedhamee bahu qaaliidha jedhamee ture.

Achi boodas garuu gatiin isaa dhaabbata morkattootaa bilbila dacha’u oomishan lamaan – ‘Samsung’ Birrii 59,400 fi ‘Huawei Mate X’ immoo Birrii 78,000 dha.

Kanaafu, gatiin ‘Razr’ bilbiloota kan biroo waliin wal bira qabamee yoo ilaallamu gatii xiqqaadha.

Dhaabbanni ‘Samsung’ bilbila dacha’u isaa kan jalqabaa ji’a Ebla keessa gabaarra oolchuuf ture eega maamiltoota irraa komii bilbilichii fi iskiriinichi cabe jedhu isa gahe booda yeroo gabaarra oolchu tursiiseera.

‘Huawei’ gama isaatiin rakkinni bilbila ‘Samsung’ mudate akka dhaabbatichi bilbila dacha’u ‘Mate X’ irra deebiin ilaaluuf na taasiseera jedheera.

Dhaabbileen bilbilaa lameen bilbilootasaanii wal duraa duubaan gabaarra akka oolchan- bilbilli Samsung ‘Fold’ ji’a Fulbaana keessa yoo ta’an, ‘Mate X’ immoo ji’a Sadaasa keessa gabaarra oole.

Maddi: – BBC

 

Comments (0)
Add Comment