Moosaajiin Itiyoophiyaanoonni Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaaf deeggarsa daangaa hin qabne itti taasiisuu danda’an ifoome

Finfinnee, Caamsaa 21, 2016 (FBC) – Moosaajiin Itiyoophiyaanoonni Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaaf deeggarsa daangaa hin qabne itti taasiisuu danda’an ifoomeera.
Moosaajichaan Itiyoophiyaanoonni ala jiraataan kallattiin deeggarsa taasiisuu kan danda’an ta’uu eerameera.
Baankiin Daldala Itiyoophiyaa, Humni Elektirikaa, Waajjirri Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itiyoophiyaa fi Tajaajilli Diyaaspooraa Itiyoophiyaa moosaajicha ilaalchisee waloon ibsa kennaniiru.
Baankiin Daldala Itiyoophiyaa erga ijaarsi hidhichaa eegalee hanga ammaatti Birrii miiliyoona 320 deeggarsa taasiisuu Pireezidaantiin baankichaa Obbo Abbee Saannoon ibsaniiru.
Yeroo ammaas Moosaajii ( Itsmydam.com) jedhamu fooyyessee qopheessuun Itiyoophiyaannootaaf sirna deeggarsaa haaraa diriirsuu dubbataniiru.
Moosaajichi Appilikeeshinii ‘Ethio-Direct ‘ jedhamu waliin kan walitti hidhame ta’uu isaan lammiileen biyyoota alaa jiraatan kallattiin hirmaachuu akka danda’an taasiisa jedhan.
Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa % 96 irra qaqqabuu Hojii Raawwachiiisaan Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Injinar Ashabbir Baalchaan eeraniiru.
Ijaarsi isaa guutummaatti xumuramuuf waggaan tokko qofti hafuu fi ijaarsa isaa xumuruuf kana booda Birrii biiliyoonni 40 ol kan barbaachisu ta’uu himaniiru.
Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa hirmaannaa cimaa lammiilee Itiyoophiyaan sadarkaa kanarra ga’uu Daayrektarri Olaanaan Waajjira Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa Guddichaa ItiyoophiyaaDookrar Aragaawwii Bariheen eeraniiru.
Ammas Moosaajii kana fayyadamuun deeggarsa taasiisuun ijaarsa isa akka xumuran waamicha dhiyeessaniiru.
Moosaajiin kun hojiirra ooluun isaa lammiileen Itiyoophiyaa biyyoota alaa jiraataan kallattiin deeggarsa akka taasiisaniif haala mijataa kan uumu ta’uu Itti Aanaan Daayrektara Olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Obbo Balaayinaa Aqinaaw ibsaniiru.
Hayimaanoot Iyyaasuutu gabaase.
Comments (0)
Add Comment