Moorookoon yeroo jalqabaaf Konkolaataa biyya keessatti oomishte gabaaf dhiyeessite

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC) – Moorookoon yeroo jalqabaaf Konkolaataa Dhaabbata Oomisha Konkolaattootaa ‘Neo Motors’ jedhamuun biyya keessatti oomishame gabaaf dhiyeessite.

Konkolaataan tajaajila uummataa kun fooddawwan 3 kan qabu yoo ta’uu, Doolaara kuma 20 baasa jedhame.

Konkolaataan kun guutumaan guutuutti ogeeyyii biyya keessaan kan hojjetame, konkolaataa jalqabaa Moorookootti oomishame ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa Naasiim Beelkaayaati ibsaniiru.

Dhaabbanni ‘Neo Motors’waggaatti konkolaattoota kuma 3 kan oomishu ta’uu RTn Biluumbarga wabeeffachuun gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment