Moorookoo, Ispeenii fi Poorchugaal Waancaa Addunyaa bara 2030 waloon kan qopheessan ta’uu FIFAn beeksise

Finfinnee, Fulbaana 23, 2016 (FBC) – Moorookoo, Ispeenii fi Poorchugaal Waancaa Addunyaa bara 2030 waloon kan qopheessan ta’uu Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaaa beeksiseera.

Taphoonni baniinsaa sadi Arjentiinaa, Uraagaayii fi Paaraaguyitti kan taphataman ta’uu eereera.

Hundeeffama Waancaa Addunyaa waggaa 100ffaa sababeffachuun taphoonni baniinsaa biyyoota Laatin Ameerikaatti akka taasiifamu murtaa’uu ibseera.

Waancaan Addunyaa biyyoonni Ardii Afrikaa, Awurooppaa fi Laatin Ameerikaa waloon qopheessaan jalqabaa ta’uus himameera.

Biyyoonni waanicha qopheessaan jahan gulaallii malee kallattiin kan darban ta’uu Za Atilaantik gabaaseera.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment