Moorokoon shakkamtoota dhibee Maariyyee Jaldeessaa 3 argachuu ibsite

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Moorokootti shakkamtoonni dhibee Maariyyee Jaldeessaa 3 argamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise.
Shakkatoonni kunneen yeroo ammaa Buufata Fayyaatti yaallamaa kan jiran yoo ta’u, haala gaarirratti argamu jedhame.
Dhimmicharratti qorannoo taasiisuun bu’aan isaa eegamaa jiraachuu ministeerichi ifoomseera.
Mallattoon dhibee Maariyyee Jaldeessaa kun mul’achuu hordofee koreen biyyaalessaa dhimmicha hordofu hundaa’uu ibseera.
Mallattoon dhibee kanaa biyyoota addunyaa 12 keessatti mul’achuu Dhaabbata Fayyaa Addunyaan mirkanaa’uu Zhiniwaan gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment