Moorokoon deeggarsa lubbuu baraaruu biyyoota 4 irraa dhiyaate kan simattu ta’uu beeksiisfte

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Moorokoon deeggarsa lubbuu baraaruu Ispeen, Ingiliiz, Kuwaataarii fi Emireetoonni Araba Gamtoomanii dhiyeessan kan simattu ta’uu beeksiisfte.

Ministeerri biyya keessaa biyyattiin gaafficha kan simattu ta’uu beeksiseera.

Hojjettoonni lubbuu baraartootaa biyyoota kanneen hojjettoota biyya keessaa waliin qindeessuun kan hojjetan ta’uu Anaaduuloon gabaaseera.

Gareen biyyoota kanneenirraa ergaman Moorookoo kan seenaan yoo ta’uu, tumsi biyyoota biroorraa dhufus yoo jiraate haala qabatamaa gidu galeeffachuun kan simattu ta’uu ibsiteerti.

Waldaan Qaxxaamura Diimaa Chaayinaas Waldaa Qaxxamura Diimaa Moorookoof Doolaara Ameerikaa Kuma 200 tumsa kan taasiisu ta’uu ibseera.

Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing miidhaa qaqqabe hordofee ibsa gaddaa ummataa fi Mootummaa biyyattiif erganiiru.

Kirkira lafaa biyyattiitti muudateen lakkoofsi namoota lubbuun darbanii kuma 2 fi 122 kan qaqqabe yoo ta’uu, namoota kuma 2 fi 421irra miidhaan qaamaa qaqqabuu ragaan Ministeera Biyya Keessaa Moorookoorraa argame ni mul’is.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment