Moodela Azerbaajaan hojiirra oolchuuf gareen hooggansa hirmaachise hundaa’e

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC)- Moodela Kenniinsa Tajaajila Mootummaan Azerbaajaan hojiirra oolche Ityoophiyatti hojiirra oolchuuf gareen hooggansa hirmaachise hundaa’e.

Moodelli kenniinsa tajaajilaa Azebaajaan hojiirra oolchite ‘ASAN SERVICE’kan jedhamu yoo ta’u, muuxannoo moodelichaa fudhachuun hojiirraa oolchuuf garichi kan hundaa’e ta’uu eerameera.

Marii dhimmicha ilaalchisee gaggeeffamerratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Waltajjicharratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan, walitti dhufeenya cimsuu fi hojiirra oolmaa muuxannichaaf xiyyeeffannan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Gareen jilaa Azarbaajaan tajaajila ammayyaa’aa fi saffisaan wiirtuu tokko irraa kennuun haala danda’amu irratti deeggarsa teekiniikaa kennuuf walii galteerra ga’amuu Addis Miidiyaa Neetiwoorki gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment