Finfinnee, Waxabajjii 15, 2015 (FBC) – Magaalaa Mojootti piroojeektoonni 48 Birrii miiliyoona 280 oliin ijaaramaan xumuuramuun tajaajilaf qophaa’uu ibsameera.
Magaalichatti bara kana ijaarsi Piroojektoota bu’uuraalee misoomaa magaalaa Mojoo ‘Smart City’ gochuun fayyadamummaa uummata magaalichaa mirkananeessan Birrii miiliyoona 280 oliin hojjetamaa turan xumuramuun tajaajilaaf qophaa`uu Kantibaan Magaalicha Aadde Kadijjaa Jamaal ibsaniiru.
Piroojeektoonni kunneen yeroo karoorfame keessatti saffisa fi qulqullinaan barbaadamuun hojjetamanii tajaajilaaf qophii akka ta’an hojiin deeggarsaa fi hordoffii itti fufinsaan taasifamaa turuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.