MNO lammilee qe’ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 13 ol taasise

Finfinnee, Mudde 1, 2014(FBC)- Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa lammilee Naannoo Afaar garee shororkeessaa ABUT’n qe’ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 13 fi kuma dhibba 8 olitti tilmaamamu taasisuu ibsame.

Komishinarri Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa obbo Musxafaa Kadiir deeggarsicha naannoo Afaar Magaalaa Samaraatti argamuun mootummaa naannichaaf kennaniiru.

Injifannoon uummanni Afaar qaamolee nageenyaa waliin ta’uun garee badii ABUTirratti goonfatan kan nama boonsu ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa yeroo adda addaatti lammilee naannoo Afaar sababa garee badii kanaan miidhamaniif deeggarsa taasisaa turuu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaas deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 13 fi kuma dhibba 8 oliin bitame gumaachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment