Finfinnee, Waxabajjii 10, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Naannoo Beenishaangul Gumuzitti hojiilee Ashaaraa Magariisaa fi Maaddii guutuun hojjetaman daawwataniiru.
Obbo Tamasgeen, naannichi albuudaan, biyyee gabbataa fi haala qilleensaa mijataan kan badhaadhe ta’uu eeruun, kunis dandeettii misoomuu naannichaa kan cimsu ta’uu himan.
Jijjiiramaan as naannolee hojiilee misooma qonnaan jijjiirama argisiisan keessa naannichi tokko ta’uu kaasanii, hojiileen Sagantaa Maaddii Guutuun hojjetaman daawwatanis yeroo gabaaabaa keessatti bu’aa argamsiisuu himaniiru.
Daawwannicharratti Obbo Tamasgeen Xurunaa dabalatee Pireezidaantii Naannichaa Obbo Ashaadilii Hasanii fi qondaaltonni biroon argamaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.