MMI Obbo Tamasgeen Xurunaan erga baga ittiin isiin gahe dabarasan

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)-Ministira Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Ayyaana Iid Alfaxiir waggaa 1445ffaa sababeeffachuun erga baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin hordoftoota Amantichaaf, ayyaanichi, kan nagaa, jalaala, waliif yaaduu fi gammachuu akka ta’u hawwaniiru.

Baatiin Sooma Raamaadaanaa walii yaaduun, waldeeggaruu fi duudhaa walgargaaruun xumuramuu ibsuun, kanaanis waloomni fi obbolummaan akka cimu taasiseera jedhan.

Obbo Tamasgeen gaarummaan baatii sooma keessa mul’ate wayita ayyaannichas ta’ee fuulduratti cimee akka itti fufu amantaa qaban ibsaniiru.

Jibbiinsi, of jaallachuu fi fiinxaalessummaan dhabamee, jaalallii fi waloomni akka dagaaguuf aadaan garaagarummaa humnaan furmaataa kennuu sirratee, nageenyi mariin bu’uureffame akka mirkanaa’uuf hawaasni musliimaa gahee isaa akka bahatu gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment