MM Paakiistaan duraanii Imraan Kaan to’annoo jala oolan

Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa Paakiistaan duraanii Imraan Poolisiin to’annoo jala oolaniiru.

Imraan Kaan yakka Malaammaltummaan shakkamuun Mana Murtiif dhiyaatanii kan turan yoo ta’u, himannichi Siyaasa jechuun qeeqanii turan.

Muummeen Ministiraa biyyattii duraan kun wayita Mooraa Mana Murtii Olaanaa seenuuf turan Poolisiin to’atamuu isaanii BBCn gabaaseera.

Imraan Kaan bara darbe Baatii Eeblaa keessa Muummee Ministirummaarraa ka’uun isaanii kan yaadatamuudha.

Filannoo biyyattiitti yeroo dhiyootti gaggeeffamuuf jirurratti dorgomuuf qophii taasiisaa jiraachuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment