MM Ingiliz Booriis Joonsan aangoo gadi lakkisuuf murteessan

Finfinnee, Waxabajjii 30,2014 (FBC)-  Muummeen Ministiraa Ingiliz Booriis Joonsan aangoosaanii gadi lakkisuuf murteessuu gabaafame.

Booriis Joonsan aangoosaanii gadi lakkisuuf kan murteessan guyyoottan lamaan darbanitti Ministiroonni biyyattii 50n aangoo isaanii gadi lakkisuu hordofee ta’uu ibsameera.

Booriis Joonsan aangoosaanii gadi lakkisuuf waliigaluu fi Muummeen Ministiraa itti aanu hanga beekamutti aangoosaaniirra kan turan ta’uu eerameera.

Hogganaan Paartii mormituu biyyattii Keeyir Istaarmar murtoon Booriis Joonsan biyyattiif oduu gaarii ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- BBC fi “The Guardian”

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment