MM Dr Abiy yaalii ajjeechaa muummee ministiraa Sudaan balaaleffatan

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Muummeen ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaalii ajjeechaa muummee ministiraa Sudaan Abdallaa Haamdook irratti aggaammame balaaleffatan.
 
Ummanni Sudaan nageenya biyyattii eegsisuuf gatiin isaan kaffallan kan diniqisiifamudha jedhan Dooktar Abiy.
 
Taateewwan akka kanaa kun tasgabbii fi imala jijjiirrama biyyattiin eegalterratti gufuu ta’uun irra hin jiraatus jedhaniiru.
 
Ministeerri Dhimma Alaa FDRItis ibsa baasen gochicha balaaleffateera.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment