MM FDRI Dooktar Abiy ummanni Tigraay garee badii ABUT irraa of tiksuu akka qaban waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ummanni Tigraay garee badii ABUT irraa of tiksuu akka qaban waamicha dhiyeessan.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad haala waaqtaawaa ilaalchisuun ummataa fi qaamoole nageenyaa naannoo Tigraayiif Afaan Tigreen ergaa dabarsaniiru.
Gareen kun kallattii hundaan marfamuun ba’umsaa fi galumsa dhabuun dhiphataa jiraachuu eeraniiru.
Gareen finxaaleyyii kun dirree hundarratti hoggansa laachuu sadarkaa hin dandeenyerratti argama jedhan Dooktar Abiy.
Dargaggoota naannichaa midhaanii fi bishaan malee du’aa fi miidhaa qaamaaf saaxilaa jiraachuu ibsaniiru.
Ummanni Tigraay humna ijoollee isaa awwaalaa jiruuf wareegama hin barbaachifne kaffaluurraa ariitiin akka of qusatu gaafataniiru.
Umrii garee kanaa gabaabsuun gara misoomaatti deebi’uuf deeggarsa barbaachisu akka taasiisaan ergaa isaaniin gaafataniiru.
Qaamooleen nageenyaa naannichatti argamu garee baduuf umrii guyyaa muraasaa qofa qabu kanaaf lubbuu isaa wareeguu akka hin qabne gaafataniiru.
Humni addaa fi qaamooleen nageenyaa guyyoota itti aanaan keessatti raayyaa ittisa biyyaaf harka laachuun lubbuu isaa baraaruu akka qabu waamicha taasiisaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment