MM FDRI Dooktar Abiy turtii Sudaanitti taasisaniin hojii dippiiloomaasii bu’aa qabeessa hojjetan- Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojii Sudaanitti taasisaniin Hidha Haaromsaa dabalatee dhimmoota waloo birroorratti hojii dippiiloomaasii bu’aa qabeessa ta’e raawwaachuu Ministeerri Dhimma alaa beeksise.
 
Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojii guyyaa 1 Sudaanitti taasisan xumuruun gara Finfinneetti deebi’aniiru.
 
Dooktar Abiy turtii isaaniin Muummee Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook fi preezdaanti mana maree walabummaa leetinaal jeeneraal Abduulfattaahi Albuurihaan waliin mari’ataniiru.
 
Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa fi dhimmoota waloo naannichaarratti bal’inaan mari’achuu isaanii Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachaw ibsaniiru.
 
Ityoophiyaa fi Sudaan ce’umsarratti waan argamaniif caalmatti walitti dhiyeenyaan akka hojjetaniif carraa uumeera jedhan obbo Gadduun.
 
Hariiroon Ityoophiyaa fi Sudaan hariiroo hoggansaa qofa osoo hin taane hariiroo bu’ura ummataarratti hundaa’eedha jedhan.
Daawwannaan kunis hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimseedha jedhan.
 
Sudaan Guutinsa Bishaan hidha haaromsaarratti komii mursaa kaasaa turuu ishee kan eeran obbo Gadduun, dhimma hidhichaan walqabatu marii qofaan furuuf hoggantoonni kunneen walii galaniiru jedhan.
 
Ameerikaan Sudaan shororkeessummaa deeggarti jedhuun galmee gurraacharratti galmeessitee turuun ishee kan yaadatamuudha.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Sudaan galmee kanarraa akka hanqamtuuf ga’ee olaanaa ba’aniiru.
Sudaan galmee kanarratti galmaa’uu isheen diinagdeen ishee haala miidhameera jedhame.
 
Rakkoo Itoophiyaas ta’e Sudaan muudatu kamiiyyuu waliin furuuf hoggantoonni kunneen walii galuu isaanii ibsameera.
 
Rakkoo kamiiyyuu mariin furuuf marii gadi fageenyaa taasisuu isaanii Seekreetariyaat Preesii waajjira Muummee Ministiraatti itti gaafatamtuun Afaan Alaa fi Miidiyaa Diijitaalaa Biilleenii Siyyuum dubbataniiru.
 
Ce’umsi Sudaan karaa nagaan akka hiikkatuuf ga’ee Ityoophiyaan baateef Muummee Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook galata dhiyeessuu isaaniis himaniiru.
 
Misoomni fi nageenyi Ityoophiyaa kan Sudaaniin adda ba’ee kan hin ilaallamne ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dubbataniiru.
 
Milkiin biyyoota lamaanii naannicharra darbee Afrikaaf gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
 
Dooktar Abiy hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf murannoon kan hojjetan ta’uu ibsuu isaanii Billeenii Siyyuum dubbataniiru.
 
Muummee Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook yeroo dhiyootti Ityoophiyaa kan daawwatan ta’uu fi turtii isaaniin Hidha Haaromsaas ni daawwatu jedhamee eeggama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment