MM FDRI Dooktar Abiy qaamoolee waamicha Ashaaraa magariisaaf deebii kannan dinqisiifatan

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2012 (FCB) -Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad qaamoolee waamicha Ashaaraa Magariisaaf deebii kennan dinqisiifataniiru.
 
Dooktar Abiy Fuula Feesbuukii isaaniin ‘Warra waamicha #AshaaraaMagariisaaf deebii kennaa jirtan hundaaf dinqisiifannaan koo isin yaa ga’u jedhan.
 
Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Ityoophiyaa Koroonaarra yaa baraarru jechuun ergaa dhaamaniiru.
 
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kana Caamsaa 28, 2012 naannoo Ummattoota Kibbaa magaalaa Hawaasaa gaara Taaboorirratti eegalamuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Sagantaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guutuu biyyattiitti haala hoo’an itti fufeera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment