MM FDRI Dooktar Abiy naannoon Kibba Lixa Tigraay bilisa ba’uu beeksisan

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa  FDRI Dooktar Abiy Ahimad tarkaanfii raayyaan ittisa biyyaa fudhateen naannoon Kibba Lixa Tigraay bilisa ba’uu beeksisan.

Naannoolee bilisa ba’an kanneenitti raayyaan ittisa biyyaa deeggarsa namoomaa fi tajaajila ummataa  laachaa jiraachuu Dooktar Abiy ibsaniiru.

Gootichi raayyaa ittisa biyyaa wayita Shiraaroo too’atu miseensoonni raayyaa ittisa biyaa  harkaa fi miila hidhamuun rashanaman argamuu eeraniiru.

Gareen juntaa hangam gara jabeessaa fi hamaa akka ta’e kan muul’isuudha jedhan.

Gareen kun Ityoophiyaan daraan jabduu ta’uu ishee kan hin hubannee ta’uu Dooktar Abiy Fuul Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Dooktar Abiy Ityoophiyaan ummataa fi raayyaa ittisa biyyaa onnee guutuu qabdi jedhan.

Garee Juuntaatti aduu lixaa jirti kan jedhan Dookta Abiy badiin  kana caaluu ga’uu waan danda’uuf of eeggannoo cimaa taasiisuun barbaachisaadha jedhan.

Yakkaa fi miidhaa gareen badii kun qaqqabsiisaa jiru addunyaaf saaxiluun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment