MM FDRI Dooktar Abiy hawaasni naannoo isaa dammaqinaan eeggachuu akka qabu waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad hawaasni naannoo isaa dammaqinaan eeggachuu akka qabu waamicha dhiyeessan.

Dooktar Abiy biiftuun juuntichaa itti dhiyaa jirti jedhan.

Oduu gaddaa kana juntichi jiraatti hubateera.

Amma waan qabatuu fi gadhiisu yeroo itti dhabuudha.

Afuura wixxifannaatiin bakka bakkatti shira badii qopheessuu danda’a ta’a.

Kanaafuu uummanni karaa dammaqina fi gurmaa’ina qabuun naannoosaa akka eegu adaraan jedha.

Kanaan walqabatee obbolaa keenya dhalattoota Tigraay ta’an naannoo keenyatti dhiibbaan badaan kamiyyuu akka irra hin geenye hundi keenya tiksee obbolaa keenyaa haa taanu jedhan.

Diinni Ityoophiyaa juntaa saamee hin quufne sanadha.

Uummanni Tigraay akkuma uummata kanbiraa uummata juntichaan gidiraa argedha.

Juntichi akka seeratti dhiyaatu uummanni Tigraayis Raayyaa Ittisaa cina dhaabbatee lolaa jira.

Naannookoo nan eega; waanjoo gidiraa uummata Ityoophiyaa nan cabsa; junticha seeratti nan dhiyeessa – waadaan keenya kanadha jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

Comments (0)
Add Comment