MM FDRI Dooktar Abiy Hawaasatti sagantaa ashaaraa magariisaa jalqabsiisan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa magaalaa Hawaasaatti jalqabsiisan.
 
Dooktar Abiy aanga’oota mootummaa olaanoo federaalaa fi naannolee waliin gaara Taaboorirratti sagantaa dhaabbii biqiltuu bara kana jalqabsiisaniiru.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan guddinni keenya hin gufatu jedhan ergaa saganticharratti dabarsaniin.
 
Karoorri keenyas ummata bal’aa waliin galma ni ga’a jedhan.
 
Sagantaa ashaaraa magaariisaa bara kanaan biqiltuun Biiliyoonni 5 kan dhaabbatu ta’us dubbataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment