MM FDRI Dooktar Abiy ergaa baga geessaniinii ayyaana dubartoota addunyaa waggaa 44ffaa dabarsan

 
Finfinnee, Gurraandhala 28, 2012 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad kabaja ayyaana dubartoota addunyaa (March 8 ) 44ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
 
Ayyaanni dubartoota (March8) ayyaana hunda keenyat jedhan.
Ityoophiyaa har’aa ijaaruuf dubartoonni biyyattii gatii guddaa kanfalaniiru jedhan.
 
Itoophiyaan bilisummaadhaan jabaattee akka jiraattuuf dubartoonni biyyattii dirreewwan waraanaa afurirratti qooda olaanaa taphaniiru jedhan Dooktar Abiy ergaa isaaniin.
 
Gootata uumuu, gootaaf gala dhiyeessuu, gootota kunuunsuu fi jajjabeessuu keessatti hirmaannaa taasisaniif galata guddaa qabu jedhan.
 
Haadholiin hidhannoo hidhachuun lola gootummaa taasisuun injifataniiru,ilmaan isaaniis seenaa gootummaa barsiisaniiru, kabaja biyyaaf wareegamuun agarsiisaniiru, goota faarsuun onnee kakasuun hojiin hojjetan seenaa guddaadha jedhan Dooktar Abiy.
 
Haadholii fi obboleettiiwwan ummata Itoophiyaa goota godhanii uumaniiru,dirree waraanaarratti humna duubee ta’uun biyyattii injifannoon ga’aniiru jedha ergaan isaan dabarsan.
 
Humna duubee qofa osoo hin taanee dirree waraanaarratti loltuu madaa’e wal’aanu,kunuunsu, eeboo qabatanii, mudhiisaanii hidhatanii, adda waraanaatti argamuun gootummaa isaanii agarsiisaniiru.
 
Haadholiin kunneen kennaa addaa biyyattiiti.
 
Hanga isaan jiranitti Ityoophiyaan goota ni deessi jedha ergaan Dooktar Abiy ayyaanicha sababeeffachuun dabarsan.
 
Dirree hundattuu, iddoo kamiiyyuuttuu, haala rakkisaa keessaa fi yeroo dhiphinaa ulfina Ityoophiyaa ni eegsisu.
 
Haadholiin ofii isaaniirra ijoollee isaaniif looguun, Ijoolleen isaaniis mataa isaaniii irra biyyasaaniif akka loogaan barsiisaniiru.
 
Yoomiyyuu nagaa, dhiifamaa fi jaalalaaf dursa kennu, kan dhiibbatee dhufeef adda isaanii laatu.
 
Haadholii wareegama kana hunda kaffaluun birbadummaa biyyattii eegsisuun asiin ga’aniif ulfina guddaatu mala jedha ergichi.
 
Ayyaana kana yoo kabajnu Ityoophiyaa tokkummaan sab-daneessummaa ishee kabajamee, birmadummaan ishee eeggamee, ulfinaa fi bilisummaadhaan akka jiraattu taasisuuf, guyyaa itti haadholii fi obboleettiiwwan keenya irra deebiidhaan ka’an akka ta’u abdiin qaba jedhan Dooktar Abiy ergaa isaaniin.
 
‘Ulfinni haadholii fi obboleettiiwwan dirree hundaatti bobba’anii bilisummaa fi birmadummaa Ityoophiyaa eegsisaa turaniif haata’u’.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment