MM FDRI Dooktar Abiy erga baga gammadanii Preezdaantii Buruundiif dabarsan

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2012 (FCB) – Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Preezdaantii haaraa Buruundii Iivaariistee Nidaayshiimaayyeef erga baga gammadanii dabarsan.
 
Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa baga gammadanii Fuula Feesbuukii isaanii dabarsaniin, Preezdaanticha waliin dhimmoota naannoorratti waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu isaanii ibsaniiru.
 
Preezdaant Iivaariistee Nidaayshiimaayyeen dheengadda kakuu Preezdaantummaa raawwachuun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Akkasumas filannoo Preezdaantummaa Caamsaa darbe biyyattiitti gaggeeffameen moo’achuun isaanii ni yaadatama.
 
Baatii Hagayyaa kakuu raawwachuuf kan turan Preezdaantichi sababa boqachuu Preezdaantii Buruundii duraanii Niikuuruunziizaan yeroo jedhame baatii lama dursanii kakuu raawwataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment