MM FDRI Dooktar Abiy du’a Preezdaantii Buruundiif gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) – Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad du’a tasaa preezdaantii Buruundii Piyeer Nikurunziizaaf gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
 
Maatii isaanii fi ummata Buruundiif jajjabinan hawwaniiru.
 
Piyeer Nikurunziizaan umrii waggaa 55 dhukkuba tasaa isaan mudateen guyyaa kaleessaa addunyaa kanarraa lubbuun darbaniiru.
 
Bara Farnajootaa 1963 kan dhalatan preezdaant Piyeer Nikurunziizaan bara 2005 eegalee hanga lubbuun boqatanitti Buruundii bulchaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment