MM FDRI Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC) – Muummeen Minsitiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin gareen badii ABUT miidhaa caalu osoo hin qaqqabsisiin ariitiin seeratti dhiyeechaa akka qabu kaasaniiru.

 

Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu ummata magaalaa akka hin miine of eeggannoo cimaan gaggeeffamuu akka qabu mari’ataniiru.

 

Ummata Tigraay sababa walitti bu’iinsa garee Juuntaan buqqa’anii deebiisanii dhaabuu fi deeggaruuf hojiin gama Raayyaa Ittisa Biyyaan eegalame cimee itti fufu akka qabu marii taasiisaniin waliigalteera ga’amuu ibsameera.

 

Wayita duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu xumurame ummata Tigraay deebisanii dhaabuuf karoorri qophaa’e dhiyaachuun irratti mari’atamuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment