MM FDRI Dooktar Abiy Ahimad Faawundeeshinii Diibooraa daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 1, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Faawundeeshinii Diibooraa daawwataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad hojii Faawundeeshiniin Diibooraa dargaggoota dhibeen ‘Ootizimii’ isaan qunname jijjiiruuf hojjetu kan dinqisiifatamu ta’uu Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Har’a ganama dargaggoota kanneen giddutti argamee daawwachuukootiif gammachuutu natty dhaga;ame jedhan.
 
Ayyaanni bara haaraa ayyana gaarii akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment