MM FDRI Dooktar Abiy Ahimad Afaaritti biqiltuu dhaabaan

Finfinnee, Adoolessa 17, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad naannoo Afaaritti biqiltuu dhaabaan.
 
Sirna dhaabbii biqiltuu kanarratti preezdaantii naannoo Afaar obbo Awwal Arbaa dabalatee Ministiroonnii fi hoggantoonni olaanoon naannichaa hirmaataniiru.
 
Naannichatti guyyaa har’aa qofa biqiltuun miiliyoonni 1.8 kan dhaabbatu ta’uu ibsameera.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad duula dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa magaalaa Hawaasatti jalqabsiisuun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Guyyaa sanaa eegalee guutuu biyyattiitti dhaabbiin biqiltuu haala hoo’aa ta’een itti fufeera.
 
Bara kana biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf hojjetamaa jira.

Oduu biroon Dooktar Abiy Ahimad baankii nyaata loonii naannoo Afaariitti argamu daawwataniiru.

Oomisha nyaata loonii kana guddisuun giddugala Baha Afrikaa dabalatee biyyoota hedduuf erguuf sadarkaa dandeessisuun hojjetamuu akka qabu Dooktar Abiy ibsaniiru.

Bara 2008 lafa hektaara 700 irratti hojii kan eegale  baankiin nyaataa kun horsiisee bultoota hedduu fayyadamoo taasisuu ibsameera.

 

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment