MM FDRI Abiy Ahimad sooma Ramadaanaa booru eegaluuf ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hordoftoota Amantaa Islaamaa maraan baga Baatii Sooma Ramadaanaan isin ga’ee jedhan.
 
Baatiin Ramadaanaa yeroo qulqullummaa, Baatii afuuraa fi kadhanaati jedhan.
 
Hordoftoonni amantaa Islaamaa biiliyoonaan lakkaawwaman Baatii kana Soomaan, kadhaannaa fi waan gaarii hojjechuun kan dabarsan ta’uu himaniiru.
 
Allaan rakkoo kana akka dhabamsiisu mana mana keenyaa teenyee uumaa keenya yaa kadhannu jedhaniiru.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Nabiyyuu Mohaammad weerara dhibee babal’ataa turee ittisuuf kan barsiisan keessaa sosochii uummataa dhorkuun ture jedhan.
 
‘’Qulqullummaan qaama amantiiti jedhanii Nabiyyuu Mohaammad akkumma barsiisan, qulqullina keenya, kan maatii fi naannoo keenyaa eeguun dhibee koroonaa haa ittifnu”’ jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin.
 
Hordoftoonni amantaa Islaamaa namoota dhibee kanaan qabaman adda baasuu ogeeyyii yaala fayyaa waliin kan hojjetan ta’uu amantaan qaba jedhaniiru.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonan diinagdeen miidhamaa jiraachuu ibsuun, mootummaan deeggarsa barbaachisu gochuuf sochii taasisaa akka jiruu fi yeroo Baatii Ramadaanaa kana lammiileen hundi ga’ee isaan irraa eeggamu ba’uu akka qaban gaafataniiru.
 
Yeroo Baatii Ramadaanaa kana hordoftoonni amantaa Islaamaa, Kiristiyaanaa fi hordoftoonni amantaa kamiiyyuu weerara dhibee koroonaan ittisuuf waliin hojjechuu akka qaban Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment