MM FDRI Abiy Ahimad qaamoolee hojii kalaqarratti argaman galateeffatan

Finfinnee, Eebila 28, 2012 (FBC) – Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimaad qaamoolee hojii kalaqaarratti argaman galateeffataniiru.
 
Dooktar Abiy, karaa innooveeshii COVID -19n yaadoonni kalaqaa gaariin muul’achaa jiru jedhan.
 
Humnaa fi xiyyeeffannoo keenya hojiilee bu’aa qabeessa ta’an irra oolchuun qaama #Ityoophiyaa badhaadhomsuuti jedhan.
 
Yaadota bu’aa qabeessa ta’an burqisiisuu fi hojiilee bu’aa qabeessa ta’an hojjechuun biyya cimtuu fi guddatte haa ijaarru jedhan Fuula Feesbuukii isaaniitiin.
 
Warra hojii kalaqaa hojjetaa jiran hundaaf dinqisiifannaa qabaachuu isaanii ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment