MM FDRI Abiy Ahimad Preezdaantii Tarkii waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Preezdaantii Tarkii Reesiip Xaayip Erdogaan waliin mari’achuu isaanii ibsan.
 
Preezdaantiin Tarkii Reesiip Xaayip Erdogaan Itoophiyaan qormaata #COVID-19 akka dandamattu deeggaruuf fedhii qabaachuun isaanii na gammachiisera jedhan.
 
Meeshaaleee wal’aansaa baayy’ee murteessoo ta’an akkaataa dhiyeessuun danda’amurratti bilbilaan mari’achuu isaanii ibsaniiru.
 
Mariin taasisaan milkaawaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin himaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment