MM FDRI Abiy Ahimad gita isaanii Kaanaadaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad gita isaanii Kaanaadaa Jestiin Truudoo waliin bilbilaan mari’atan.
 
Dooktar Abiy Fuula Feesbuukii isaaniin Muummee Ministiraa Kaanaadaa Jestiin Truudoo waliin mari’achuu isaanii ibsaniiru.
 
Marii bilbilaan taasisaaniin ummata biyyoota lamaanii weerara vaayrasii koroonaan booda haala addunyaa uummamuuf qopheessuu fi hoggansa qindoomina qabu fi idil addunyaa ta’e laachuun barbaachisaa ta’uu mari’achuu isaanii ifoomsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment