MM FDRI Abiy Ahimad Doonaald Traamp waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traamp waliin bilbilaan mari’ataniiru.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hariiroo Ameerikaa fi Ityoophiyaa dhimmoota caalmaatti cimsuu danda’aniirratti bilbilaan mari’achuu isaanii Fuula Twiitarii isaaniin ibsaniiru.
 
Tattaaffii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamuu fi homaa awwaannis gammoojjii to’achuuf deeggarsa Ameerikaan gochaa jirtu kan dinqisiifatan ta’uu ibsaniiru.
 
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp gama isaaniin, Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waliin Fuula Twiitarii isaaniin mari’achuu himaniiru.
 
Ityoophiyaaf Veentiileetaroonni ni barbaachisa kan jedhan Doonaald Traam, Ameerikaan deeggarsa taasisuuf qophiidha, kanas ni goona jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment