MM Dr Abiyyii fi preezdaant Isaayyaas Flooraa Veej daawwatan

Finfinnee, Eebila 26, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin buufata biqiltuu fudraa fi mudraa Flooraa Veej daawwatan.

Dureewwan lamaan buufata biqiltuu magaalaa Baatuutti argamu kana har’a daawwataniiru.

Buufatichi misooma jallisii xiyyeeffannaan kennameef tumsa ta’uu muummee ministiraa Dooktar Abiy ibsaniiru.

Flooraa Veej dhaabbata biyya keessaa waggaatti biqiltuu fudraa fi mudraa miiliyoona 20 misoomsuun qonnaan bultootaf laatudha.

Dhaabbatichi Birrii miiliyoona 4 kan hundeeffame yoo ta’u, biqiltuu fudraa fi mudraa guyyootii 20 fi 30 keessatti qopheessuun qonnaan bultootaf dhiyeessaa jira.

Muummee ministiraas hojii dhaabbatichaa jajjabeessuun humnasaa akka dabalu dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment