MM Dr Abiyyii fi preezdaant Isaayyaas Bishooftuu fi Duukam daawwatan

Finfinnee, Muddee 16, 2012(FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin hojiilee misoomaa magaalaa Bishooftuu daawwatan.
 
Turmaata isaanitiin Bishooftutti dhaabbata oomisha aannanii Hoolaand daawwataniiru.
Daawwii Bishooftutiin booda muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin hojiilee misoomaa magaalaa Duukam daawwataniiru.
 
Dooktar Abiyyii fi preezdaant Isaayyaas Duukamitti Warshaalee Iistarn Zoon daawwataniiru.
Zoonichatti Warshaa Qorichaa Ammayyaa SSP daawwatanii jiru.
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaant Isaayyaas Afawarqiin Paarkii Indaastirii Adaamaas daawwataniiru.
 
Preezdaant Isaayyaas jila isaanii waliin daawwii hojiitif kaleessa ture magaalaa Finfinnee kan galan.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment