MM Dr Abiyyii fi itti aanaan walitti qabaa Mana Maree Sudaan Paarkii Indaastirii Adaamaa daawwatan

Finfinnee,Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi itti aanaan walitti qabaa Mana Maree Sudaan Leetanaal Janaraal Mahaammad Hamdaan Daagloo waliin Paarkii Indaastirii Adaamaa daawwatan.
 
Daawwicharratti preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee qondaaltonni olaanoo biroon argamaniiru.
 
Leetanaal Janaraal Mahaammad Haamdaan Daalgoon dhimmoota waqtaawaarratti mari’achuuf kaleessa Finfinnee galanuun isaanii ni yaadatama.
Itti aanaan walitti qabaa Mana Maree Sudaan kaleessa Finfinnee yammuu galan itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan, ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu Aandaargaachawii fi eetaamaajoorri raayyaa ittisa biyyaa FDRI Jeneraal Adam Mahaammad simannaa taasisaniifiru.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadis itti aanaa walitti qabaa Mana Maree Sudaan Leetanaal Janaraal Mahaammad Haamdaan Daalgoo waliin walarganii mari’ataniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment