MM Dr Abiy, Noorweey Ooslootti argamuun Badhaasa Noobeelii Nageenyaa fudhatan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad har’a Sadaasa 30,2012 Noorweey Ooslootti argamuun badhaasa Noobeelii Nageenyaa bara Faranjootaa 2019 fudhatan.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Fulbaana 30,2012 koree Noobeelitiin injifataa badhaasa 2019 ta’uun filatamuun isaanii ni yaadatama.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019 kan injifatan tumsa idil addunyaa fi nageenya naannoof ga’ee olaanaa taphataniin ta’uu koreen Noobeelii ibsuun ni yaadatama.

Dooktar Abiy hariiroo Ityoophiyaa fi Eertiraa waggoota 20f adda citee ture haaromsuu, rakkoon Sudaan nagayaan akka hiikamu, humnoonni Sudaan Kibbaa mariidhan biyya isaanii akka tasgabbeessan, Eertiraa fi Jibuutii, Soomaaliyaa fi Keeniyaan garaagartee isaanii nagayaan akka hiikan, mariidhaf minjaalatti akka deebi’an ga’ee olaanaa taphataniin badhaasicha injifataniiru.

Comments (0)
Add Comment