MM Dr.Abiy Miseensonni Dinagdee Maakroo Biyyaalessaa guyyaa har’aa walgahii akka taa’an ibsan

Finfinnee, Caamsaa 8, 2012(FBC)- Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad Miseensonni Dinagdee Maakroo Biyyaalessaa guyyaa har’aa walgahii akka taa’an ibsaniiru.

Dooktar Abiy walgahii isaaniitiinis dhiibbaa #COVID-19 dinagdee irraan gahee fi qophii bajataa bara bajata dhufuu irratti kan marii’atan yoo ta’u, raawwii dinagdee baranaas gamaaggamaniiru jedhan.

Weerarri dhukkubichaa sochiin dinagdee addunyaa akka qabbanaa’u taasisus, proojaktoonni eegalaman akka addaan hin cinnee fi oomishtummaan damee adda addaa akka itti fufu humna keenya guutuudhaan ni hojjenna jedhaniiru.

Akkasumas kuusaan sharafa alaa akka dabalu, idaan akka haqamuu fi irra deebiin akka caaseffamu tattaffiiwwan taasifamaa jiran itti fufna jechuun fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Ityoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarrun dhaamsa isaaniiti.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment