MM Dr Abiy, Maayik Poompiyoo waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoo waliin mari’atan.

Jijjiirrama Ityoophiyaan gaggeessituuf Ameerikaan tumsa maallaqaa kan taasistu ta’uu Maayik Poompiyoon ibsaniiru.

Prees Sakreetaariyaatiin Waajjira Muummee Ministiraa obbo Nugusuu Xilaahuun maricha ilaalchisuudhan ibsa laataniin, jijjiirrama Ityoophiyaan taasistuuf Ameerikaan deeggarsa maallaqaa kan taasistu ta’uu ministirichi dubbataniiru jedhan.

Ameerikaan tumsa Ityoophiyaaf taasistu kan itti fuftu ta’uu Maayik Poompiyoon ibsaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf qindoominaan ni hojjetama jedhan ministirichi.

Nageenya Gaanfa Afrikaa caalmaatti mirkaneessuurrattis mari’ataniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment