MM Dr. Abiy lammiile Ityoophiyaa mirgi isaanii dhiibamee 135 waliin gara biyyaatti deebi’an

Finfinee, Gurraandhala 9, 2012 (FBC) – Muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad daawwanna Emmireetota Arabaa Gamtoomaniitti taasisaa turan xumuruun lammiile Ityoophiyaa mirgi isaanii dhiibamee 135 waliin gara biyyaatti deebi’an.

Ityoophiyanonni kunneen paaspoortiin dhabuun biyyaa akka hin baaneef waggoota hedduuf dhorkamaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad bu’uuraa waligaltee mootummaa biyyichaa waliin taasisaniin Ityoophiyannoota kanneen waliin gara biyyaa deebi’aniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa giddugala bahaa jiraatan sababoota garagaraan mana sirreesaa fi iddoo baqanna kan turan akkasumas baqqattumma idilee hin taaneen Emmireetota Arabaa Gamtooman kan jiraataniif dhiifamni kan taasifameef yoo ta’u, kanneen Emmireetota Arabaa Gamtooman jiraachuu barbadaniif ammoo eyyaamni seera qabeessuuma jireenyaa keennamefi akka jiraataniif eyyamameera.

Wayita amma Dooktar Abiy Ahimad waliin gara Ityoophiyatti kan deebi’an warreen feedhi qabaniidha jedhame.

Alaazaar Taddalaatu gabasee

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment