MM Dr Abiy hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga ittiin isin ga’e jedhan

Finfinnee, Muddee 27, 2012(FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga ittiin isin ga’e jedhan.
 
Dooktar Abiy guyyaan dhalootaa Iyyasuus Kiristoos guyyaa walqooduun hafee, tokkummaan itti muul’ate ta’uu ibsaniiru.
 
Namaa fi Waaqni, lafaa fi samiin, lubbuu fi foon, namaa fi maleekkaan kan tokko itti ta’anidhas jedhaniiru.
 
Nutis ayyaanicha wayita kabajnu garaagartee fi walqoqqooduu keessaa ba’uudhan ta’uu qaba jedhaniiru.
 
Garaagarteen uumamaa faaya uumamarraa kenname.
 
Garaagarteen koorniyaa, bifaa, amantaa, sabummaa, afaanii fi ilaalchaa miidhagina uumaatis jedhaniiru muummee ministiraa.
 
Kennaa sabdaneessummaan arganneeen tokkummaa Ityoophiyummaa yoo cimsine garaagarteen gargar ba’uu hin ta’u; tokkummaan walballeessuu akka hin taanes yoo mirkaneessine seenaa dansaa dhalootaf hafu ni hojjenna jedhaniiru.
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment