MM Dr Abiy hoggansa paartilee siyaasaa naannoo Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2012 (FBC) –Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hoggansa paartilee siyaasaa naannoo Kibbaa keessa socho’an waliin mari’atan.

Caaseffama naannoo Kibbaarratti gaaffilee ka’anii fi dhimmoota biroorratti mari’ataniiru.

Muummee ministiraa iftoomina yaadolii waltajjii marichaarratti ka’an dinqisiifataniiru.

Fedhii addaa ummataa ilaalcha keessa galchuudhan, naannicha akka haaraatti gurmeessuurratti mari’atameera.

Mariiwwan akkanaa daandii fooyya’aatti akka baanuu fi demokraasiin akka dagaagu gargaaras jedhan muummee ministiraa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment