Finfinnee, Eebila 3, 2012 (FBC)- Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii dureen aadde Zinnaash Taayyaachaw dhiyeessi nyaataa Bulchiinsa magaalaa Finfinneef arjooman.
Deeggarsichi jiraattoota magaalichaa deeggarsi isaan barbaachisuuf kan oolu yoo ta’u, maatii 1000 kan ga’udha.
Miidhaa vaayrasi koroonaa qaqqabsiisa jiru ilaalcha keessa galchuun yeroo yaaddessaa kanatti kutaalee hawaasaa miidhamoo ta’aniif dhiibbaan diinagdee hanga tokko akka salphatuuf hawaasni wal tumsuu akka qabu dhaamaniiru.