MM Dr Abiy, Dr Teediroos Adihaanoom waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Eebila 3, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, daayreektara olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom waliin bilbilaan mari’atan.
 
Turmaata isaanitiin ittisa weerara vaayrasii koroonaarratti xiyyeeffachuu isaanii muummee ministiraa Dooktar Abiy karaa fuula Feesbuukii isaanitiin beeksisaniiru.
 
Vaayrasicharratti Dooktar Teediroos odeeffannoo waqtaawaa kennuu isaanii fi hojii Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tamsa’ina vaayirasichaa ittisuuf taasisaa jiruuf Dooktar Teediroos nan galateeffadha jedhaniiru Dooktar Abiy.
 
Yeroon dhiphisaan kun yoomiyyuu caalaa hoggansa waloo akka barbaadu naaf mirkaneessaniirus jedhan.
 
Hoggansi isaaniis kan yeroo isaa fi ittigaafatamummaa isaanii gitudha jedhan muummee ministiraa.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment