MM Dr Abiy daawwii hojiitif gara Giinii Koonaakrii imalan

Finfinnee, Muddee 28, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad daawwii hojiitif gara Giinii Koonaakrii imalan.
 
Daawwiin hojichaa hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuudha.
 
Preezdaantiin Giinii Aalfaa Koondeen bara darbe dhuma baatii Amajjii keessa Ityoophiyaa daawwachuun isaanii ni yaadatama.
 
Yeroo sanas hariiroo biyyoota lamaanii tarsiima’aa gochuuf waliigalteen mallatteeffameet ture.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment